Maqaa bakka Hojii: Hojjetaa dirree
Dhaabbanni keenya piroojektoota qorannaafi qo`annaa Qarsaafi Wataritti fayyaa haadholiifi daa`immanii irratti dalagaa jiraniif hojjettoota dirree yeroo guutuu qacaruu barbaada. Gaheen hojjettoota kanaa hawaasa naannichaa wajjin manaa manatti deemanii walitti dhiheenyaan hojjechuu, deeggarsa oogummaa gochuufi hojiilee qorannoo fayyaa naannichatti hojjetaman qindeessuudha.
Sadarkaa baranootaa barbaadamu
- Sadarkaa barnootaa
- Narsii deesiftuu/midwife, soshooloojii ykn antiroopooloojiitiin yunivarsiitii ykn kooleejii beekamaa irraa digrii jalqabaa kan qaban
- Narsii deesiftuu/midwife, soshooloojii ykn antiroopooloojiitiin yunivarsiitii ykn kooleejii beekamaa irraa diiploomaa 10+3 kan argataniifi muuxannoo waggaa 3 kan qaban
- Afaan Oromoofi Amaariffa haalaan dubbachuufi barreessuu kan danda`an
- Dandeettii namaa wajjin qunnamuu gaarii kan qaban
- Dandeettii qindeessuufi gaggeessuu gaarii kan qaban
Kan jajjabeeffamu
- Dandeettii Afaan Ingiliffaatiin qunnamuu
- Muuxannoo hojii dhaabbilee fayyaa hawaasa wajjin hojjetanii
- Ragaa beekumsa bu`uuraa kompitaraa
Baay`ina barbaadamu: 2
Bakka hojii: Araddaawwan Qarsaafi Watar keessa jiran
Waamamni isaa: Kutaa saayinsii hawaasaafi hordoffii qorannoo hawaasaa
Miindaa: Akka sadarkaa miindaa sagantichaatti ji`atti qarshii 8225
Yeroon galmee: Beeksisni kun ba`ee guyyaa 5 (shan) keessatti
Iddo Galme: Yuunivarsitii Haramaayattii, Kolleejii Fayyaa Haraar , Biroo Piroojaktii Champiis
Dubartoonni ni jajjabeeffamu
Gahee hojii
- Hojii sagantichi hawaasicha keessatti hojjetu deeggaruu
- Walga`iiwwan garaagaraa karoorsuu, qopheessuufi gaggeessuu
- Hojiilee hojjetaman yeroodhaan gabaasuu
- Kaayyoo sagantichaa hawaasa sadarkaa garaagaraa irra jiru hubachiisuu
- Hawaasaa wajjin gaaffiifi deebiifi marii adda addaa adeemsisuu
- Manaa gara manaatti deemuudhaan fayyaa haadholiifi daa`immanii irratti deeggarsa taasisuu
- Yeroo barbaachisaa ta`utti manarra deemanii ragaa sassaabuu
- Gaggeessitoota hawaasaa, hojjettoota eksteenshinii fayyaa, gaggeessitoota amantiifi caasaawwan kaanii wajjin walta`iinsaan hojjechuu
- Kutaalee hawaasaa garaagaraatiif leenjii kennuu